Dubarri erga jaalattee booda maalif dhiira jibbiti?

Dubarri qalbi qabeettiin takka dhiira jaalalleeshee gaayelaaf barbaaddu ulaagaa ittiin filattu keessaa inni hangafaa fayyaalessummaa amala isaati. Hammamillee miidhagdu, ykn abbaa qabeenyaas taatu yeroo dheeraa keessa(in long run) amalli kee yoo itti jabaate si jibbuu dandeessi. Amaloota shamarri hiriyaa ishiirraa arguu hin feene haala armaan gadiin haalaallu.

1) Oftuuluu. Dhiirri amala akkasii qabu yaada nama biraa ni tuffata. Kan isaa malee yaadni nama biraa fudhatama hin qabu.

2) Ofitti amanamummaa dhabuu. Dhiira murteessuu hin dandeenyee fi murtee isaarratti ejjannoo hin qabne, dubarri hin feetu.

3) Jarjaruu. Dubarri hiriyaa haafura ishee kutu ni jibbiti. Ammaa amma irratti bilbiluu fi  miisejii barreessuun eessa jirta, maal hojjatta, nyaattee, milixxishoo jechaanii akka ooltu hin barbaaddu.

4) Addaggummaa ykn naamusa dhabuu. Hiriyootashee, maatii fi hawaasa naannookee hundaaf nama kabaja qabu ta’uun jaalalaaf hedduu murteessaadha.

5) Yeroo fi xiyyeeffannoo kennuufii dadhabuu. Inni kun akkaan murteessaadha. Hiriyaan dubaraa(girl friend) taphataa collee #Erling #Haland isheef yeroo kennuu dhiisee waanuma kubbaa taphachuu qofa waan yaaduf isa dhiiste. Atis kanumatu si eeggata. Yeroo ishiin waa haasa’uu barbaaddu gurra ergistee dhaggeeffachuun dirqama. Yoo akkas hin taane dhiibbaa jala akka waan jirtuutti itti dhagahama.

6) Inaaftuu ta’uu. To’achuuf yaalurra jaalalaan bituu fi akeekkachiisutu irra ba’eessa.

7) Saalqunnamtiif akka malee jarjaruu. Si jaalatte taanan isheenuu walqunnamtiin saalaa akka barbaachisaa ta’e ni beekti. Garuu kaleessa wal barte, har’a manatti olwaamtee waa yoo raawwatte, hedduu si jibbiti. Haalan jaalalli erga jabaatee booda wal dhamdhamuu feeti dubarri.

8) Karoora malee jiraachuu. Shamarri dhiira karoora jireenyaa fageessee yaadu fi hojjatu ni abdatti, itti dabalamtee kaayyoo isaa galmaan gahuufii barbaaddi. Duuriyyee oliif gadi deemu yoosuu jibbiti.

Dubarri erga jaalattee booda maalif dhiira jibbiti?

Dubarri qalbi qabeettiin takka dhiira jaalalleeshee gaayelaaf barbaaddu ulaagaa ittiin filattu keessaa inni hangafaa fayyaalessummaa amala isaati. Hammamillee miidhagdu, ykn abbaa qabeenyaas taatu yeroo dheeraa keessa(in long run) amalli kee yoo itti jabaate si jibbuu dandeessi. Amaloota shamarri hiriyaa ishiirraa arguu hin feene haala armaan gadiin haalaallu.

1) Oftuuluu. Dhiirri amala akkasii qabu yaada nama biraa ni tuffata. Kan isaa malee yaadni nama biraa fudhatama hin qabu.

2) Ofitti amanamummaa dhabuu. Dhiira murteessuu hin dandeenyee fi murtee isaarratti ejjannoo hin qabne, dubarri hin feetu.

3) Jarjaruu. Dubarri hiriyaa haafura ishee kutu ni jibbiti. Ammaa amma irratti bilbiluu fi  miisejii barreessuun eessa jirta, maal hojjatta, nyaattee, milixxishoo jechaanii akka ooltu hin barbaaddu.

4) Addaggummaa ykn naamusa dhabuu. Hiriyootashee, maatii fi hawaasa naannookee hundaaf nama kabaja qabu ta’uun jaalalaaf hedduu murteessaadha.

5) Yeroo fi xiyyeeffannoo kennuufii dadhabuu. Inni kun akkaan murteessaadha. Hiriyaan dubaraa(girl friend) taphataa collee #Erling #Haland isheef yeroo kennuu dhiisee waanuma kubbaa taphachuu qofa waan yaaduf isa dhiiste. Atis kanumatu si eeggata. Yeroo ishiin waa haasa’uu barbaaddu gurra ergistee dhaggeeffachuun dirqama. Yoo akkas hin taane dhiibbaa jala akka waan jirtuutti itti dhagahama.

6) Inaaftuu ta’uu. To’achuuf yaalurra jaalalaan bituu fi akeekkachiisutu irra ba’eessa.

7) Saalqunnamtiif akka malee jarjaruu. Si jaalatte taanan isheenuu walqunnamtiin saalaa akka barbaachisaa ta’e ni beekti. Garuu kaleessa wal barte, har’a manatti olwaamtee waa yoo raawwatte, hedduu si jibbiti. Haalan jaalalli erga jabaatee booda wal dhamdhamuu feeti dubarri.

8) Karoora malee jiraachuu. Shamarri dhiira karoora jireenyaa fageessee yaadu fi hojjatu ni abdatti, itti dabalamtee kaayyoo isaa galmaan gahuufii barbaaddi. Duuriyyee oliif gadi deemu yoosuu jibbiti.

WANTOOTA JIREENYA KEESSATTI GONKUMAA HOJJECHUU HIN QABNE 10

1. Gonkumaa nama caal jette hin amanin.!!

2. Iccitii fi dadhabina kee gonkumaa nama kamiif iyyuu hin qoodin. Eenyu akka isaan sirratti fayyadamuuf deemu gonkumaa hin beektu. Dammaqaa.!!

3. Hiriyyoota keetiif warra kee fi maatii kee gonkumaa hin tuffatiin. Gaafa hiriyyoonni gaariin waan danda’an hunda yaalanii badan maatii kee qofatu hafa.!
~ Maatii keessan kabajaa.!!

4. Yoomiyyuu of hin shakkiin!
~ Irraa fagaadhaa!
~ Hin danda’u jettee yaaddaa?
~ Guutumaan guututti tole!
~ Al tokko yaali. Ammas ammas!
~ Garuu akka hin dandeenye gonkumaa hin amanin!

5. Gonkumaa waan baay’ee hin eegin!
~ Eeggannoon garaa kee illee laamshessuu danda’a fi karaa saffisaa gara mufannaa!
~ Garaa kee eegi!

6. Gonkumaa nama hin miidhin!
~ Waan isaan keessa jiran gonkumaa hin beektu!

7. Gonkumaa nama tokkotti hin murteessiin!
~ Seenaa isaanii hin beektu!
~ Gidduu kana sababa murtoo keessaniin jijjiiramuuf hin jiran!

8. Gonkumaa namni kamiyyuu ofitti hamaa akka sitti dhagahamu hin godhin!
~ Of fudhadhu!
~ Of jaalladhu!
~ Karaa fooyya’aa ta’een of jijjiiri!
~ Ofiif jiraadhu!

9. Gonkumaa wanti/namni kamiyyuu nagaa keessoo kee akka balleessu hin godhin!
~ Nagaa kee caalaa wanti barbaachisaa ta’e hin jiru!

10. Gonkumaa namatti hin qoosinaa!
~ Tokkoon tokkoon namaa kabajaa!
~ Haa jiraatan sammuun isaan hin jeeqin!

Imala ABO waggaa 50:

Addi Bilisummaa Oromoo yaadnii bu’uuraa isaa rippaablika Oromiyaa ykn Oromiyaa of dandeessee ijaaruuf bara 1973 keessa kaa’ame, waggaa 50ffaa isaa kabajataa jiraachuu ibse.
Hundeessitoonni dhaaba kanaas rakkoon yeroo sana akka sabaatti qaban walitti isaan fiduun yaada kana akka bu’uuressan himu.
Dhaabni kun uummata Oromoo biratti fudhatamumma guddaa argachuuf yeroo itti hin fudhanne.
Haata’u malee baayyee turee lafa osoo hin qabatin qormaanni alaafi keessaa itti hammaachuun galma hundeeffameef milkeessuurratti hudhaa itti ta’uu hundeessitoonni gameeyyiin ni himu.
Wantoota hundeeffama ABO’f bu’uura ta’an
Namoota jalqaba yaad-rimee Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) bu’uuressan keessaa tokko kan ta’an Obbo Leencoo Lataa, hundeeffamni ABO qabsoo bara 1960 keessa biyyoonni Afrikaa waanjoo kolonii biyyoota Awurooppaa jalaa bilisoomuuf finiinsaa turaniin walfakkaata jedhan.
”Sochii bara 1960oota keessa akka biyyaa fi akka Afriikaatti turetu uumamuu ABO’f ka’umsa. Bara sana biyyoonni Afrikaa hedduun kolonii Awurooppaa jalaa ba’anii walabummaasaanii gonfachaa turan.”
Waan yeroo sana ture bareechanii akka quba qaban kan himan Obbo Leencoon, yeroo biyyoonni Afrikaa koloneeffattoota ofirraa faccisanitti biyya keessatti ammoo taateewwan gurguddoo lamatu turan jedhan.
”Tokko waldaa Maccaa-Tuulamaati. Waldaan misooma hojjechuuf hundeeffame kunis akka waan siyaasaaf hundeeffameetti fudhatamee mootummaadhaan rukutame,” jedhan.
Kunimmoo yaada bilisummaan argamtu malee Oromoo fi Oromiyaa misoomsuun hin danda’amu jedhu sammuu Oromootti uume jedhu.
”Yerooma sana Kibba Oromiyaa Baaleetti lolli hidhannoo kan dhibdee ganda keessaa irraa madde jalqabame. Mootummaan ammoo sanuma fuudhee akka waan Oromoon hundi lola baneetti itti duule. Booda waldaa Maccaafi Tuulamaa fi sochii Baalee gidduu quunnamtiin uumamuu eegale. Dhaamsis gidduu deddeemaa ture,” jechuun bu’uurri achirraa eegaluu ibsan.
Obbo Leencoon akka jedhanitti, kanneen dhaamsa gidduu deddeebisaa turan keessaa tokko Kabiir Huseen Suraati.
Wayita roorroon miseensotaa fi hooggantoota waldaa maccaa fi tuulamaa irratti hammaatu Kabiir Somaaliyaa seenee achumarraan Yaman, Adan deeme.
Adan yeroos teessoo qabsaa’ota biyyoota garaagaraa turte. Kan Palastaayin, Eertiraa fi dhaabonni garaagaraa kan bilisummaa ofiif lolan achi turan jedhu.
”Kabiir Huseen akkamitti ijaaramna kan jedhurratti falmiitti seene. Ijaarama sana keessatti qabsaa’onni beekamoon akka Haayilee Fidaa, Masqal Raddaafaa akkanni maqaa Itoophiyaan gochuu qabu dhiibbaa gochaa turan,” jedhan Obbo Leencoon.
”Maqaa Itoophiyaa malee maqaa Oromoon ijaaramnaan rakkina seenta jechaanii turan. Kanaan jaarmiyaa Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Itoophiyaa (Ethiopian National Liberation Front) akka ijaaru ta’e.”
Kabiir Huseen fi jaarmiyaan isaa warra biyya keessaa socho’an kanneen akka Baaroo Tumsaafaa waliin quunnamtii iccitii qabaachaa turuu himan Obbo Leencoon.
”Adanitti ammoo namoota akka Elemoo Qilxuu, Bakar Yuusuuf waliin maqaa Itoophiyaan ijaaramuun kun hin baasu jechuun falmii keessa ture Kabiir. Akkanatti osoo qabsaa’uu bara 1974/75 iccitiidhaan biyya galee, Elemoo Qilxuu fi Yuusuf Bakaris waliin biyya seenanii falmiin biyyatti cimee itti fufe.”
”Kabiir garuu akka waan jaarmiyaansaa ragga’ee ofii barreessaa ta’ee filameetti of ibsee garuu iccitiidhaan ammoo qabsoo ABO jabeessuu itti fufe,’’ jedhan.
Baroota 74 fi 75 keessa sagantaan siyaasaa ABO bocamee iccitiin irratti mari’atamaa ture, walga’ii sirnaa bara 1976 yeroo jalqabaaf gaggeeffamerratti bu’uureffamee hojiitti galame jedhu.
”ABOnis kora duraa magaalaa Finfinneetti taa’amerratti hooggantoota ofiisaa filatee sagantaa raggaasifatee dhaaba ta’ee hundaa’e.”
ABOn Waxabajjii 19, 1976 kora bu’uuressaa dhaabichaa kan jalqabaa Finfinneetti taa’erratti sagantaa siyaasaa isaa maxxanfate jedhan Obbo Daawud Ibsaa, dureen ABO.
”Sana dura koreen bu’uuressituu ABO bara 1973 dhaabbatte, dursitee hojii hojjetaa turte. Booda waxabajjii 19, 1976 ABOn sagantaa siyaasaa bocate,” jedhan.
Kaayyoon ABO ganamaa maali?
”Yoo haalli mijate ammoo saboota biroo wajjin federeeshinii, konfedereeshinii akkasumas yuniyenii qabaachuu dandeenya kan jedhutu kaa’ame,” jechuun sagantaan siyaasaa ABO jijjiiramaa fi fooyyessuuf banaa akka ture himan.
”Sabni hunduu of bilisoomsee isa boodammoo qabsoo impeeriyaalizimii irratti godhamu keessatti waahila waliif ta’a kan jedhuun bu’uureffame.”
”Akeekni ABO qabsoo hiree murteeffannaa gaggeessuun Rippaabilika Dimokiraatawa Oromiyaa ijaaruu ture” kan jedhan Obbo Daawud, ”Haata’u malee ABOn kanaan hin daangeffamne. Imaammata dhimma alaa isaa keessatti humnoota dimokiraatawoo biroo waliin hojjechuuf balballi isaa banaa ture,” jedhan.
Jaarmiyaaleen akka MEISON fi EPRP Itoophiyaaf qabsoo gitaatu barbaachisa malee qabsoo sabaa miti jedhu, ”ABO fi boodarra kan hudeeffame TPLF ammoo qabsoon sabaa ajandaa ijoo godhatan,” jedhan.
”Bara sana ABOtti qormaata guddaa kan ture EPRP osoo hin MEISON ture.”
Magaalaa baanee daggala seenuu sana gidduutti qormaata baay’eetu nu mudate, mootummaan namoota hanga adda baafate inuma fixe.
Kora bu’uuressuu ABO irratti qabsaa’onni gameeyyiin kanneen akka Baaroo Tumsaa, Diimaa Nooggoo, Mubee Abdoo, Abboomaa Mitikkuu, Magarsaa Barii, Gadaa Gammadaafi anatu walga’e jedhan Obbo Leencoon.
Obbo Daawud ABO hundeessuuf qormaata isaan mudate wayita ibsan, rakkoo Somaaliyaa, Yaman, Sudaan, Ertiraatti hundeessitoota dhaabichaafi miseensota mudate yaadatu.
”Jalqaba gareen haala mijessu gara Somaaliyaa ergame, isaanis gameeyyii akka Galaasaa Dilboo, Muhee Abdoo, Mulugeetaa Moosisaa, Nagarii Fayyisaa, Damisee Tacaanee (Gadaa Gammadaa), Abboomaa Mitikkuu fa’i. Gariinsaanii haarsaa guddaa kaffalanii gara Oromiyaa deebi’an. Hedduunsaanii ni wareegaman.”
Garee gara Somaaliyaa ergaman keessaa kan darbanii gara Yaman deemanii haala mijeessaa turanis jiru jedhan Obbo Daawud.
”Kunis sababa yeroo sana mootummaan Somaaliyaa lafa Oromoo hedduu weeraree waan tureef ofitti fudhachuu diduusaarraa kan ka’eedha,” jedhan.
Kora jalqabaa mana Baaroo Tumsaa
”Sochii gama siyaasaan jiru cinaatti tattaaffiin qabsoo hidhannoos deemaa ture. Jaarraafi Mullis baadiyyaa Harargee keessa qubatanii haala mijeessaa turan. Isa booda 1977/78 keessa hooggansi magaalaadhaa ba’ee walduraa duuba bosona seene,” jedhan.
Erga gadi dhaabbatee boodas goflaa (wing) dargaggootaa hundeeffachuufi isaanis garee kana keessaa tokko akka turan himan Obbo Daawud.
Gameeyyii dhaabicha keessatti maqaansaanii adda durummaan ka’u Badhoo Dachaasaa, Dheeressaa Qixxee, Abeel Mitikkuu, Isheetuu Latuufi kaan waliin akka turan himan.
Kora tokkoffaa bara 1977 taa’ameerratti hirmaachuu kan himan Obbo Daawud, ”kora kanarratti haalli siyaasa Itoophiyaa qabsoo karaa nagaaf waan hin eeyyamneef qabsoo hidhannoof bosonatti galuun akka barbaachisu murtaa’e,” jedhan.
Wayita kana ajaji olaanaan dhaabichaa tokko (One Political Command) ykn kaawunsiliin tokko dhaabbate jedhan.
Hoogganoonni kunneen Finfinnee keessa taa’anii qabsoo gaggeessuun ulfaataa waan ta’eef miseensota gameeyyii waliin ta’uun gara dirree bahaatti qajeelan.
Bosona seenuu hanga bara chaartaraa
Ebla15, 1980 hooggannaa direefi ittaanaa dabalatee, hoggantoonni ABO 10 ol gara Somaaliyaa osoo imalanii bakka Shinniigaa jedhamutti haala suukanneessaan ajjeefamuu ibsan.
Magarsaa Barii, Yiggazuu Bantii, Aboomaa Mitikkuu, Gadaa Gammadaa, Muhee Abdoo, Caccabsaafi Irra aanaa Qaxalee dabalatee namoota jajjaboo dhaabichaa 13 ta’an guyyaa tokkootti bakka tokkotti ”Shiftoota Somaaleetiin” ajjeeffaman jedhan.
ABO hundeessuu keessatti hunda caalaa ga’ee kan gumaachan Baaroo Tumsaa akkamiin akka ajjeefame ilaalchisee odeeffannoo guutuu akka hin qabne hin himuun, ”garuu rakkinuma dhaaba keessa tureen ajjeeffama,” jedhan Obbo Daawud.
”Baaroon ummata Oromoof qofa osoo hin taane sirna federaalizimii dimokiraatawaa ta’efi tokkummaa saboota Itoophiyaa hundaaf beekamtii kennee of keessatti hammatu akka uumamuuf nama jalqaba qabsoo eegale. Saboonni kaanillee akka ija banatan nama taasiseedha. Nama akkasii dhabuun qabsoo ABO’s ta’e siyaasa biyyattii guddoo jijjiire.”
Hooggansa magaalaa bahuun bosona seene ‘jajjaboo jedhaman’ keessaa nama tokko qofatu lubbuun hafe kan jedhan Obbo Leencoon, hooggana bakka buusuurratti falmii guddaatu mudate jedhan.
”Bara 1981-1988tti hooggana dhume bakka buusuurratti hojjenne. Wayita kana dirreen qabsoos lamatti ba’eera. Qabsoon dirree bahaa akkuma bosona seenneen eegalamte. Bara 1980/81 ammoo dirree lixaatti eegalame.”
Dhaabichi hanga 1988 hooggana hir’ate bakka buufachuufi qabsoo dirreetti muddamee turuu kan himan Obbo Leencoon, ”1988 dirree lixaatti hooggana filatee, booda ammoo dirree bahaatti korri taa’ee hooggana filatame raggaasise. Akkasitti hanqina hoogganaa mudaterra aanuu eegalle,” jedhan.
Wayitasaan dhimma kanatti muddamaa turanitti kaabaan wayyaaneefi shaabiyaan mootummaa waaltaa kuffisuuf qophii cimsanii turuu yaadatu Obbo Leencoon.
”Nuti osoo dargiin waggaama lamaan sadan tokko nuuf turee feena turre. Silaa dhaaba keenya ni cimsanna turre. Karaa waraanaas namoota cimsataa turre. Siyaasas barsiifataa turre. Osoo nuti kanatti jirruu, warri duraan qophaa’e dargii kuffiisuurratti qophii xumurate. Dargiinis kufe.”
Dargiin akka kufeen qophii ga’aa malee dhiibbaadhaan mootummaa ce’umsaa keessatti akka hirmaatan taasifamuu himan.
”Osoo hin qophaa’in mootummaa ce’umsaa seennee, lolaafis osoo hin qophaa’in keessaa bane.”
Obbo Daawud akka jedhanitti, ‘ABOn yeroo dargiin kufee mootummaan ce’umsaa biyyattii keessatti hundeeffame affeeramee dhihaate’ kan jedhu seenaa dogoggoraan hubatamedha.
”ABOn Chaartara bara ce’umsaa bocuurraa eegalee qaama mootummaa ce’umsaaf galtee guddaa ta’e ture. ABO’n sagantaa siyaasaasaa kan saboota kaanis hin qoollifanne qabatee dhihaate.”
Walta’iinsa umuun adda durummaan kan dhihaatan ABO fi TPLF kan jedhan Obbo Daawud, ”kunis sababa humnoonni lameen qaama hidhate qabaniifidha, hidhataa muraasa kan qaban warri Ogaadenis turan,” jedhan.
Obbo Daawud’s akkuma Obbo Leencoo Lataa, rakkoo bara Chaartaraa dhaaba isaanii mudateef ”shira TPLF xaxe” komatan.
”Waraanni TPLF waraana biyyaalessaa jedhamuun waraanni bilisummaa Oromoo ammoo seeraan ala jedhamuun lola bal’aa uume.”
”Maddi rakkoo keenyaa yeroo sana ganamuu keenya. Kan nu gane ammoo warra waan kana hojiirra oolchina jedhanii ofitti fudhatan: Imbasii Ameerikaafi warra Ertiraati. Isaanis dirqama sana ba’achuu dadhabuudhaan warra nu ganan keessaa tokko.”
”Hirmaachuu keenya qofaan injifannoo siyaasaa gurguddaa galmeessine. Osoo nuti seenuu baannee wayyaaneenuu OPDO hin hundeeessitu turte. Dhaabi wayyaaneen hundeessite kun ummanni mirgasaaf akka hin falmanne hacuuca. Kun ammoo ummanni dhaaba dhugaan naaf qabsaa’u qaba jedhee akka nu faanaa hiriiree hafu taasise,” jechuun ibsu.
Waraannisaanii rasaasa dhabee harka duwwaatti hafuusaatiin hoogganootaafi miseensotarra miidhaan akka ga’e himan Obbo Daawud.
”Haala kanaan dhiibamnee Chaartara keessaa baafamne. Ergasiis diddiigamuun caasaafi daddaaqamni dhaabicha mudachuu eegale,” jedhan.
Mootummaa ce’umsaa booda: Qoqqoodamuufi baqaa
Bara 1992-1997 keessaa karaa bahaafi lixaan lola ciccimaarra akka turan himan Obbo Daawud.
Chaartaraan booda ABOn sababii miidhaa mudateerraa kan ka’e akka dhaabaatti kan lafaa ka’ee of ijaaru hin turre jedhan.
”Garuu murannoofi cichoominni qabsoo bilisummaa Oromoo onnee qabsaa’otaa keessaa hin dhabamne waan ta’eef osoo miidhamnuu qabsoo jabeessinee wal ijaarre.”
Hidhaa, saamicha, ajjeechaafi dhiittaan mirga namoomaa hammaataan miseensotaafi hoogganoota akkasumas Oromoo guutuu irratti ni ulfaate jedhan.
Yaada bu’uuraa irraa hanga sagantaa siyaasaa bocuun qabatanii Chaartara irratti dhihaachuutti ga’ee kan taphatan Obbo Leencoo Lataa, akkuma dhaabni Chaartara keessaa ba’een hooggansa keessaa ba’uu ibsan.
”Yeroo Chaartaraa waan irratti kufne sirreeffannee, akka of jijjiirree qabsoo keenya jabeessinu yaadni qajeelaa dhiheesseen ni burjaaja’e,” jechuun haala yeroo sanaa himan.
”Itoophiyaan jijjiiramtee jirti waan ta’eef, akkaataa itti qabsoofnuufi gaaffii keenya itti gaafannu akka jijjiirru nu gaafata. Ertiraan biyya taatee, Somaaliyaan biyya turte diigamte turte. Haala kana keessatti sagantaa siyaasaa keenya akka fooyyeffannu yaada dhiheessaa, barruu garaagaraas qopheessaan ture,” jedhan.
Obbo Leencoon dhaaba jalqabarraa keessa turan keessatti dhageettii dhabaa, kaan waliin wal-qoccolaa jiraachuun miidhaan xiinsammuu guddaan irra ga’uu himuun, hooggansa keessaa baafamuutti akka gammadan himan.
”Ummanni waa hedduu nurraa eega. Nutimmoo homaatti hin jirru. Qabsoo hidhannoo haasofna garuu dirree jabeessaa hin turre. Kanaaf hidhamuu Obbo Ibsaa sababeeffachuun hooggansa keessaa ba’e,” jedhan Obbo Leencoon.
Hoogganaan dhaabichaa yeroo sanaa Obbo Galaasaa Dilboo, xalayaadhaan Obbo Leencoo Lataa ittaanaa hooggansa ABO irraa kaasuu ibsan.
”Sababni isaas yeroo sanatti Obbo Leencoon marii ykn beekamtii dhaabaatiin alatti mootummaa Itoophiyaa waliin araara barbaacha gara biyyaa deebi’uu isaanitiif ture,” jedhan.
”Yeroo sanatti Obbo Ibsaa Guutamaa jila ABO bakka bu’anii gara biyyaa dhufnaan mootummaan hidhee ture, isaanan hiiksisa jedheeti kan gara biyyaatti deebii’e.”
Mootummaa Itoophiyaa waliin wallollee walbiraa deemne. Dhimmi Jaal Ibsaa hiiksisuufis yoo ta’e ammoo hunda keenya ilaala malee addatti itti aanaa hogganaa qofa hin ilaalu ture. Kanaaf qajelfama dhaabaatiin ala sochii waan taasisaniif tarkaanfiin sun fudhatame,” jechuun haala ture ibsan.
Obbo Leencoon hooggansa keessaa ba’anis miseensummaan garuu dhaabicha keessa turan, akka miseensaattis akkaataa qabsoo akka qajeelfatan afaaniinis ta’e barruudhaan gorsaa turuu himan.
Dhumarratti miseensummaan dhaabaarraas akka mulqameefi dhaabicha keessaa akka gaggeeffaman ibsan.
Yeroo haalli kun isaanirra ga’utti dhaabichi bakka saditti ba’ee jiraachuu kan yaadatan Obbo Leencoon, ”dhaabicha keessaa baafamuutti sammuun akkaan na miidhame. Waanan godhun wallaale. Dhiiseen taa’amoo, dhaaba biraan uumamoo, ABO maqaa jedhuunan kophaa koo itti fufamoo? kan jedhu gidduuttin dhiphadhe,” jedhan.
Boodarra Adda Dimokiraatawaa Oromoo hundeessuun dursuu eegalan. Dhaabni isaan hanga biyya galanitti gaggeessaa turan kun federeeshinii sab-daneessatti kan amanuufi qabsoo hidhannoo kan hin deeggarre ta’uus ibsan.
Hanga dhaabichi kora gaggeessee Obbo Daawud Ibsaa filatutti dursaa kan turan Obbo Galaasaa Dilboos, waahillan isaanii waliin ta’uun Adda Bilisummaa Oromoo Qaama Ce’umsaa ijaaruun qabatanii ba’an.
Chaartara keessaa erga baafamanii biyya keessa socho’uun yoo ulfaatu hoogganoonni humna hanga murtaa’e qabatanii gara Somaaliyaa akka bobba’an taasifame jedhan Obbo Daawud.
”Somaaliyaanis yeroo sana lola hamaa wal waraanaa keessa turte. Garuu gosti tokko karaa baneefii seensise. Achitti erga of dandamachiisuun raawwatee booda biyyatti deebi’an.”
Obbo Daawud Ibsaa bara kana kora sabaa taa’amerratti dursaa (hayyu duree) ABO ta’uun filataman.
Mootummaanis Somaaliyaatti duuka bu’ee akka dhiibbaa irraan ga’e kan himan Obbo Daawud, ”mootummaan Ertiraa waan carraa nuuf kenneef garas imalle,” jedhan.
Turtii Ertiraa keessaa
ABOn bara 2000 irraa kaasee hanga 2018 waamicha mootummaan Itoophiyaa Ministira Muummee Abiy Ahimadiin durfamuun taasifamuufiitti Ertiraa turuu kaasuu Obbo Daawud Ibsaa.
”Ertiraatti fayyadamneerras miidhamneerras. Humna guddaa qabsoo hidhannoo gaggeessu leenjisnee biyyatti bobbaafneerra. Kana gochuuf Ertiraan giddu-gala nuuf taateetti.”
Waraana kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessa socho’u Ertiraa taa’anii ajajaa akka turan himan.
”Dirree kibbaa, lixaafi bahaa keessa waraana jiru asii quunnamuun ajajaa turre. Qaamaan walbira jiraachuufi halaala irraa ajajuu gidduu garaa garummaan jiraatus.”
Obbo Daawud akka jedhanitti, bara mootummaa dargiirraa eegalee hanga bara Chaartaraan ba’utti hariiroon Ertiraafi ABO walmakaadha.
”Bara Chaartaraas dhimma waraanni hiikkachuu raawwachiisuuf kan dirqama fudhatanii turan Imbaasiin USA fi Ertiraa, nuti hiikkannee wayita TPLF hiikkachuu didu ni callisan. Inumaa waraanni Ertiraa TPLF tumsee nu waraane.”
Obbo Daawud Ertiraatti erga imalaniis haalli walfakkaataan isaan mudachuu ibsan malee rakkoo isaan quunname maal akka ta’e gaafatamanii, bal’inaan ibsuurraa of qusataniiru.
”Dhimma keenya keessa seenuun nu jeeqaa turan, garuu nu gargaaraniirus. Qabsoo Oromoo onnee guutuun akka deeggaran nutis hin feene. Waajjira banannee akka of ijaarruuf carraa nuuf banuun isaaniifi ni galateeffanna.”
Qoqqoodiinsi dhaabicha burjaajesse, ABO Obbo Daawud qabatanii gara Ertiraa qajeelan biraas hin hafne.
Hagayya 2006 hidhattoota 282 qabatanii gara Ertiraa imaluun ABOtti makamuu kan himan Birgaader Jenaraal Kamaal Galchuu, osoo baayyee hin turin dhaaba kana waliin waldhabuun, Kallacha Walabummaa Oromiyaa (KWO) jechuun dhaaba hundeessan.
Affeerraa Abiy Ahmad taasisaniif fudhachuun hanga biyya galanitti, Yugaandaa kan turan Birgaader Jenaraal Kamaal Galchuu, biyya galuu isaanii jala Adda Tokkummaa Bilisummaa Oromoo akkasumas kan Fidoo jedhamu walitti fiduun dhaaba Adda Tokkummaa Walabummaa Oromiyaa jedhamufi kan isaan hoogganan hundaa’uu BBC’tti himaniiru.
Paarlaamaan Itoophiyaa ABOn osoo Ertiraa jiruu bara 2011 dhaabbilee hidhattoota qaban kaan ONLF fi Ginbot 7 waliin shororkeessaa jechuun farraje.
Kana hordofees biyyattiin seera farra-shororkeessummaa baaste fayyadamuun qaamolee dhaabbilee kunneen waliin hidhata qaban jettu dararaa baateetti.
Ertiraa gara biyyaa: Qabsoo hidhannoorraa gara qabsoo nagaa
Mormii uummataa Itoophiyaa keessatti haga jijjiirama mootummaa fiduutti ga’en booda paartileen siyaasaafi namoonni dhuunfaa mootummaan addamfamaa turan gara biyyatti deebi’uuf carraan baname.
”Koreen hundaa’e waa’ee egeree waraanaa, akkamiin humna nageenyaa Oromiyaatti ykn kan federaalaatti akka makaman irratti erga walta’ee booda qabsoo hidhannoorraa gara qabsoo karaa nagaatti ce’uun deebi’uuf murteessine,” jedhan Obbo Daawud.
ABOn gara biyyaa deebi’uun ji’oota muraasa duras, Waxabajjii 2018’ttis manni maree bakka bu’oota ummata Itoophiyaa waggaa torbaan booda ABO dabalatee dhaabbilee siyaasaa kaan galmee shororkeessitoota irraa haqe.
Bara 2018 Hagayya keessa walta’iinsa mootummaa waliin irra ga’ame hordofee Fulbaana 15, 2018 ABOn biyyatti eebii’e. Waggoota 27 boodas magaalaa Finfinneetti waajjirasaa deebisee banate.
”Qabsoo karaa nagaan gaggeessuun siyaasa biyyattii keessatti hirmaachuuf biyya gallee teessoo keenya magaalaa Finfinnee godhanne. Garuu qabsoon karaa nagaa kunis qormaataan kan guutameedha,” jedhan Obbo Daawud.
Obbo Daawud wayita gareesaanii qabatanii biyyatti deebi’an, qabeenyi saamame akka deebi’uuf, qondaalota gameeyyii achi buuteensaanii dhabame mootummaan akka ifa godhu, loltoonni kabaji isaanii eegameefii akka humna nageenyaa biyyattiitti makaman kanneen jedhanrratti mootummaa waliin waliigaluu ibsan.
”Osoo waliigalteen kun hojiirra ooleera ta’ee silaa yoona waraanni Oromiyaa keessa hin jiraatu ture,” jedhan.
ABOn waraanasaa Ertiraa irraa qabatee biyya galuun mooraa galchus, ji’oota muraasa booda waliigalteen hojiirra hin oolle jechuun komii eegale.
Hidhattoonnisaanii biyya keessa socho’aa turanis haala kanatti mufachuu ibsuun bosonatti hafanii mootummaadhaan loluu itti fufan.
Dureen ABO Daawud Ibsaa erga jaarsummaan dhiibbaan irratti heddummaatee booda, ji’a afur booda Amajjii 19, 2019 dhimma waraanaa Abbootii Gadaafi haadholii siiqqee akkasumas jaarsolii biyyaatti dabarsanii kennuu labsan.
Isaanis ”Mootummaafi ABO kan wal dhabsiisu Waraana Bilisummaa Oromoo yoo ta’e, waraana kana uummata Oromootti dabarsee kennineerra,” jedhe.
Koreen teeknikaa gameeyyii siyaasaa Oromoo kanneen akka Jawaar Mohammad fi Obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee abbootii Gadaa, haadholii siiqqee fi jaarsolii biyyaarraa ijaarame, hidhattoota WBO bosonatti hafan mooraatti deebisuuf tattaaffiin taasisan hin milkoofne.
Obbo Daawud hojiin hidhattoota galchuu kun akka milkaa’uuf xalayaan ergaa dabarsuufii ibsanii turan. Ta’us ajajaa waraanaa Zoonii Kibbaa kan ture Goollicha Dheengee, ”xalayaa fuula tokkoon qabsoo diignee hin gallu,” jechuun deebiseef.
Haala kanaan quunnamtiin ajajoota waraanaafi Obbo Daawiitti wayita adda citu, Waraanni Bilisummaa Oromoo maqaa ABO dhahatu of ijaaree socho’uu itti fufe.
Gareen duree Itti Aanaa ABO Obbo Araarsoo Biqilaan durfamu, kan ”murtii kora sabaa malee aangoorra turan,” jechuun Obbo Daawud qeeqan. Beekamtii duree dhaabichaan alatti filannoo gaggeessuun, hogganaa haaraafi miseensota gumii shanee filatan.
Boordiin Filannoo Itoophiyaa komii qaamolee lameenii erga ilaalee booda, ABO Obbo Daawud Ibsaan hoogganamuuf beekamtii mirkaneesse.
Wayita taateen kun mudatutti Obbo Daawud Finfinnee bakka jireenyaasaaniitti ugguramuun eegamaa turan.
Miseensota gumii shaneefi gumii sabaa dhabalatee aanga’onniifi miseensonni ABO, ”osoo seerri bilisa baasee jiruufi himannaan tokkollee irratti hin dhihaatin” mana hidhaa tursiifamuun, hedduunsaanis rakkoo fayyaaf saaxilamuu himata dhaabichi.
Darggoonniifi qondaaloonni siyaasaa Oromoo waggoota kurna sadi caalaniif maqaa ABOtiin waliiqabatee hidhaa, ajjeechaafi biyyaa hari’atamaa turuu irra dedebiin himtu.
Haata’u malee mootummaafi hidhattoonni Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) kanneen ABOn adda bahuun bosonatti hafe gidduutti wal dhabdeen hammaachuun wal qabatee, Oromiyaa bakka garaa garaatti uummanni kan duri caalaa akkaan gidirfamuu itti fufe.
Itti aansees Caamsaa 6, 2021 paarlaamaan Itoophiyaa hidhattoota WBO fi TPLF shororkeessitoota jechuun farajee, TPLF erga karaa marii nagattiin mootummaa waliin waliiglanii booda maqaansaa tarree shororkeessaa irraa haqame.
Rakkoon nageenyaa Oromiyaas akkuma kan Tigraayiitti karaa marii nagaan akka furamuuf Ministirri Muummee Abiy WBO waliin Taanzaaniyaatti akka mariin eegalu Ebla 23, 2023 ifatti dubbatan.
Mariin mootummaafi hidhattoota WBO marsaa tokkooffaanis Ebla 25, 2023 eegalee guyyoota sagaliif Taanzaaniyaa, Odoola Zaanzibaaritti taa’ame.
Marsaa lammaffaaf wal arguudhaafis gama lamaaniinuu fedhiifi qophaa’insi jiraachus eeruunsaanii ni yaadatama.qabsoo diignee hin gallu,” jechuun deebiseef.
Haala kanaan quunnamtiin ajajoota waraanaafi Obbo Daawiitti wayita adda citu, Waraanni Bilisummaa Oromoo maqaa ABO dhahatu of ijaaree socho’uu itti fufe.
Hooggansi ABO biyya gale bakka lamatti wal-qooduunis rakkoo bira ature.
Gareen duree Itti Aanaa ABO Obbo Araarsoo Biqilaan durfamu, kan ”murtii kora sabaa malee aangoorra turan,” jechuun Obbo Daawud qeeqan. Beekamtii duree dhaabichaan alatti filannoo gaggeessuun, hogganaa haaraafi miseensota gumii shanee filatan.
Wayita walqoodinsi dhalate sanatti ABOn filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaarratti akka hin hirmaanne ibsee ture. Sababi walqoodinsaas sana ta’uu gareen Obbo Araarsoo ibsaa turan.
Boordiin Filannoo Itoophiyaa komii qaamolee lameenii erga ilaalee booda, ABO Obbo Daawud Ibsaan hoogganamuuf beekamtii mirkaneesse.
Wayita taateen kun mudatutti Obbo Daawud Finfinnee bakka jireenyaasaaniitti ugguramuun eegamaa turan.
Taatee kana dura ammoo mootummaan ”hidhattoota bosona jiran waliin hojjettu,” jechuun qondaaltota ABO hedduu hidhee ture.
Miseensota gumii shaneefi gumii sabaa dhabalatee aanga’onniifi miseensonni ABO, ”osoo seerri bilisa baasee jiruufi himannaan tokkollee irratti hin dhihaatin” mana hidhaa tursiifamuun, hedduunsaanis rakkoo fayyaaf saaxilamuu himata dhaabichi.
ABO fi WBO
Darggoonniifi qondaaloonni siyaasaa Oromoo waggoota kurna sadi caalaniif maqaa ABOtiin waliiqabatee hidhaa, ajjeechaafi biyyaa hari’atamaa turuu irra dedebiin himtu.
Kanaafuu, ABOn qabsoo nagaa filatee bayyatti galuun, keessattuu kanneen sababii maqaa ABOn miidhaan irra gaheef boqonnaa akka argamsiisu abdatan.
Haata’u malee mootummaafi hidhattoonni Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) kanneen ABOn adda bahuun bosonatti hafe gidduutti wal dhabdeen hammaachuun wal qabatee, Oromiyaa bakka garaa garaatti uummanni kan duri caalaa akkaan gidirfamuu itti fufe.
Itti aansees Caamsaa 6, 2021 paarlaamaan Itoophiyaa hidhattoota WBO fi TPLF shororkeessitoota jechuun farajee, TPLF erga karaa marii nagattiin mootummaa waliin waliiglanii booda maqaansaa tarree shororkeessaa irraa haqame.
Rakkoon nageenyaa Oromiyaas akkuma kan Tigraayiitti karaa marii nagaan akka furamuuf Ministirri Muummee Abiy WBO waliin Taanzaaniyaatti akka mariin eegalu Ebla 23, 2023 ifatti dubbatan.
Mariin mootummaafi hidhattoota WBO marsaa tokkooffaanis Ebla 25, 2023 eegalee guyyoota sagaliif Taanzaaniyaa, Odoola Zaanzibaaritti taa’ame.
Marsaa lammaffaaf wal arguudhaafis gama lamaaniinuu fedhiifi qophaa’insi jiraachus eeruunsaanii ni yaadatama.

Barrefama kana bifa sur-sagaleetin ykn videotin asiraa arkaachuu dandessu 💁https://youtu.be/WmnYUi_x0YQ

Waan gaarii guyyaa kanaa..!

  Waa’ee qarshii – hiyyeessaa waliin hin dubbatinaa!
  Waa’ee fayyaa kee hin dubbatin – fuula dhukkubsataa!
  Waa’ee humna kee hin dubbatin – warra dadhaboo fuulduratti!
  Waa’ee gammachuu kee – nama gadde waliin hin dubbatin!
  Hidhamtoota duratti waa’ee bilisummaa kee hin dubbatin!
  Fuuldura kootti waa’ee ijoollee kee hin dubbatin!
  Yatiima duratti waa’ee haadhaa fi abbaa kee hin dubbatin!

  ..sababni isaas kan duraa caalaa madaan isaanii akka miidhuu fi dhiiguu waan gootuuf.  Waan kennitu hundaaf xiqqoo kolfa kenni, onnee kee irraa gammachuu dabali, nama hundaaf gurra liqeessi, garuu sagalee kee gadi qabi, hunda jaalladhu, muraasa amanadhu, garuu eenyuun iyyuu hin dogoggorre.  Hiriyaa sobaa fi gaaddidduun tokko.  Lamaanuu hanga aduun lixxutti qofa turu.  Namni gaariin nyaata hafuura namaati.  Sirrii fi dogoggora jireenya nama tokkoo kan beekamu yeroo qormaata darbe ykn kufe qofaadha.
━━━━━━━━━━━
️@Dirama Afaan Oromootin
By Famex

Gatii jaalalaaf kanfalamu nii beektaa laata?😍

Gatii jaalalaaf kanfalamu nii beektaa laata?

Yeroo baay’ee haala kanaan kan imimmaan fuula irraa namaaf haxaawan ani yeroo diraama qoofaadhan se’e. Guyyaa tokko hiriyyoottan lamatu ture. Kan boossisu hiriyaa ishee osoo hin taane, ani tarii sin dhabaa laata jeettee mucayyoo dubaraa boo’aa jirtu tokkon arge. Itti siqee gaafachuuf hiriyaan ishee bira jira. Utuman bira darbaa jiruu mucaan jaalalaaf ishee boossisaa jiru kun akka tasaa fuula isaa keessa yoon ilaaluu nama ani beekudha. Mucayyoon dhugumaan imimmaan jaalalaa, yaaddoo  bor sin dhabaaf boossi. Garuu mucayyoon kun namni isheen jaallatte kun jaalala dhugaa hin beeku. Bareedina fuulaa waan qabuu shamarri kamiyyuu itti dhiyannaan utuun mucaa kana kan koo taasifadhee hawwu. Dhugaadha mucaan jaalala hin beeku malee miidhaginni isaa adda. Jechuun bareedina isaa kana barreeffamaan kana jedhee isinii ibsuudhaaf natti ulfaata. Jaalalli dhugaan onnee keessa jirti malee hin mul’attu. Utuu garagalchanii ilaalanii keessii mucaa jechuun onnee isaa walakkaa shamara kumaatama kan ta’an keessatti ni argamu jedheen shakka. Mucayyoo bor sin dhabaa jettee har’a boossu kun guyyaa tokko utuunni shamara tokko faana hoteela seenu argiti. Dhugaadha obboleetti isaadha malee kun hiriyaa isaa hin taatu. Jettee suuta suuta hordoofuu eegalte. Utuu isaan bakka keessummaan yeroof turuu wal haammatanii ta’aani argite. Mucayyoon miidhaginni ishii adda. Baay’ee bareeddi. Lakkii ani amayyuu hin amanu jechaa of jajjabeessu ishee ittuma fuufte. Utuma dhokattee ilaaltuu lakkoofsa 23 qofaatu hin qabamne yoo isiniif nii ta’a ta’ee deemaa ilaala jetteni furtuu laatteef. Akka daqiiqaa digdamaa dhaabattee dhufuu didnaan deemtee ilaaluuf sardamte. Ammas dhokattee lakkoofsa amma ittiin jedhame deemte. Achii geessee sagalee tokko dhabde. Balbala rukkuttus namni jala qabu dhibe. Akka daqiiqaa shanii booda turaani aasaa eegalani. Irra deebitee balbala rukkuttee jennaan hiriyaan ishee yeroo dhufee balbala irraa banu, masaanuun ishee wayyaa of irraa baastee duuddaan ciistee jirtu agarte. Lamaan isani iyyuu waanuma bakakkaan itti bu’e ta’an. Jaalalli isiin haa kiisuu jettee deemte.

Yoo irraa kan barattan ta’eef yaadaa keessaniin na gargaaraa.

@thefamex
Follow na gochuu hin dagatina.
Galatooma.

Dargageessa bareedaa fi amala qabeessa akka ta’e hundatu ragaa ba’aaf. Guyyaa tokko deemsaaf karaa eegalee lafti itti dukkanoofnaan bineensaan…🤔

Dargageessa bareedaa fi amala qabeessa akka ta’e hundatu ragaa ba’aaf. Guyyaa tokko deemsaaf karaa eegalee lafti itti dukkanoofnaan bineensaan nyaatamurra, darbeemmoo qorraan waadamaa buluurra jedhee mandara fuldura isaa jiru tokkotti qajeele. Mana citaa Abbaa fi Intalli keessa jiraatan tokkotti goree “Na bulchaa keessummaa itti dukkanaa’edha” jedhee gaafate. Abbaan manichaas “Nooraa manni kan Waaqi” jechuun simatan.

Bishaan lukaa dhiyeessaniif. Luka isaa dhiqate. Irbaata kennaniif, ni nyaate. Dhumarra Abbaan manichaa gaafa yaadu, sireen keessummaaf ga’u akka hin jirre yoo hubatu waan tokko murteesse. Keessummaan kun intala isaa durbaa faana akka buluuf murteesse. “Keessummaan siree kana irra mucaa koo faana bulta. Ammoo daangaa kana akka hin darbine” jechuun boraatii gidduu isaanii kaa’e. Lachuu haala kanaan halkanicha dabarsan.

Ganama ciree nyaatee Abbaa manichaa galateeffatee manichaa ba’ee deemuuf yeroo jedhu oddoo dudduuba keessatti intala galgala bira bule otuu isheen Mosee hammachiistuu argee. “Obboleettii deemuuf waanan jedhuuf dallaa kana utaaleen nagaatti siin jedha” yeroo jedhuun isheenis deebistee “Dhiisi ni cabdaa” jetteen

“Hin cabu hin dhiphatin”
“Maali halkanoo boraatii utaaluu dadhabdee akkamitti dallaa amma kana ga’u utaalta?”

“Argitee? Namoonni tokko tokko dadhabuu fi dhiisuu adda baasanii hin beekan. Dhiisuun dadhabuu miti. Namni waan gochuu qabu malee waan gochuu danda’u hunda hin godhu. Ani amantii Abbaa keen kabaje. Utaaluu dadhabdee osoo hin taane utaaluu waanan hin qabneefan dhiise. Egaa nama akka keetiin nagaatti jechuuf dallaa kana hin utaalutii achumatti nagaatti” jedhee biraa sokke!

Waan dubbiistef guddaa galatoomi 🙏

Har’a immoo waa’ee wal quunnamtii saalaa dhugaa addunyaa kana irra jiru tokkon isin affeera.


○•••••••••••••••••••••••••○••••••••••••••••••••••○
■ Biyya siingaapooritti, ayyaana guyyaa wal quunnamtii saalaa jedhamee kabajamutu jira. Innis waxabajjii bultii sagal (june 9) waggaa waggaan kabajama. June 9 jechuun akka faranjiitti ji’a 6ffaa bultii sagal jechuudha. Kunis sababni filatameef, haalli ittiin raawwannu inni beekamaa fi jaalatamaan, bocni isaa 69 waan fakkaatufi jedhu. Kunis, isheen jilbeenfachuun hudduu qoobsuun, inni immoo karaa duubatiin isa raawwatamu (doggy style)dha.

■ Guyyaan kun seeraa fi heeraan labsamuu baatuyyuu, biyyattii keessa beekkannoo dhaan, guyyaa kabajamaa fi hawwiidhaan eegamu, guyyaa wal quunnamtii saalaa jedhamee beekama. Namni hin kabajne waan jiru miti. Guyyaan kunis, namoota haaraas ta’ee, jaalallee ofii waliin wal quunnamtii saalaa sirriitti gochuun kabajama.
qabi irratti yetaabbaatu….. jedhe namichi ollaa keenya durii.
○••••••••••••••••••••••••○•••••••••••••••••••••••○
Beekumsaaf isin….., Waan Dubbistaniif Galatoomaa.

Waa’ee jaalala kaan sayinsii mirkanaa’ee

*} Dhiiroonni niitii/haadha manaa isaanii ganama yoo hojiif biraa bahan dhungatanii deeman warra hin dhunganne waliin yoo madaalaman, umriin warra dhungatee biraa bahu waggaa 5nin warra hin dhunganne akka caalan. Sababniis, dhungoon sumuda jaalala onnee qulqulluu mirkaneessu waan taheef. Jalalti ammoo fayyummaa gumaachiti.

*} Dhiirroonni 65% (dhibba keessaa jahaatamii shan) tahan jaalallee isaanii yeroo dhungatan morma isaanii gara mirgaatti jallisaniiti dhungatan.

*} Dhimma ijoo ilmi namaa marti osoo hin duune dura raawwachuu qabu 100 keessaa tokko jaalalaan qabamuu dha. Yeroo jaalalaan kufan naaduraan addunyaa kana ittiin laalan/daawwatan tan addaati. Jaalalli maraatuu gammachiftu of dandeessee dha.

*} Namoonni wayta jaalalleewwan isaanii irraa addaan bahan/fagaatan yeroo duraanii caalaa jaalachuu jalqaban. Yeroo jaalalaan turanitti kutaan sammuu gammachuu uumaa ture fedhii gammachuu dhabamte san deebisuuf qabu irraa kan ka’e gar malee waan si’aawuuf  jaalalli haarawatti itti dabalti.

*} Jaalalaa fi sodaan dhibbaan isaan namota irraan gahan wal fakkaataa dha. Ijji tamanaa ol banamti. Shanacha keessi ni dafqa. Dhahannaan onnees ni dabala. Haa tahuu garuu jaalala keessa dhiphinni gammachuu kan jiru yoo tahu, sodaa keessa garuu dhiphina shakkii kan nama miidhuutu jira.

Maddi:- Saayinsii fi jaalala(love and science)
# by the famex 

SIN JAALADHA OSOO HIN JENNE MALLATTOON JAALALA IBSACHUUDubbisi!

➊ Ija keessa Ilaaluu : Ija keessa sirritti nama jaalatan yoo ilaalan onneen nama dhahatti, namni sii ilaalu kan si jaalatu ta’uu hubatta. Kuni yeroo tokko tokko itti yaadamee osoo hin taane osuma hin beekne kan ta’uudha. Ija babaasanii ija keessa nama ilaaluun humna guddaa qaba. Ergaa ‘sin jaaladha’ jedhus ciminaan dabarsuu danda’a.

➋ Wal-akkeessuu:- Waan wal fakkaatu al tokko wal faana raawwachuu. Waan inni tokko godhu kan biraas yeruma sanitti godhuu. Kana jechuun yoo inni tokko buna habbuuquu eegale faanaa habbuuquu ta’uu ni danda’a.

➌ Kennaa wal badhaasuu:- Horii fi meeshaa adda ddaa namaaf kennuun mallattoo jaalalaa fi kabajaa nama tokkoof qabnu  jecha tokko osoo hin dubbanne ittiin ibsannu keessaa tokko waan ta’eef itti dhimma ba’uun ni danda’ama.

➍ Ceekuu sochoosuu : Ceekuu keenya sochoosuu,  ergaa onneefi yaada sammuu keenna dhiphisu daandii nama jaalannu biraan ittiin gayannu keessaa isa tokko.

➎ Walitti siqanii taa’uu:- Fageenya jidduu namootaa jiru dhiphisuun humna cimaa onneefi sammuu namootaa walitti harkisuu, dhi’essuu qaba. Namni jaalalaan qabame, isa kaan irra fagatee hin jiraatu. Fagoo ta’uun isaaf hin mijaatu. Kanaaf itti siqanii sagalee dhahannaa onnee dhageessifachuun jaalala ibsachuun ni danda’ama.

➏ Qubaan wal qaqabuu:- Harka, keessattuu qubaan  qaqqabuun mallattoo jaalalaati. Akka hedduu qaqqabdeen irra deddeebitee sin jaaladha jechaa akka jirtu hin dagatin. 

➐ Libsuu ijaa wal faanaa:-  Libsuun walirraa hin cinne mallattoo jaalalaan qabamuu ykn gama nama tokkootti harkifamuu, onneen walitti hidhamuu agarsiisa. Heddu libsannaan ergaan siin jaaladhaa nama si fuldura dhabbatu gayeera, ‘sin jaaladha’ jechuuf hin cinqamin.

➑ Seeqiinsa gaarii:- Waa malee hin seeqamuu, afaan hin bannu. Seeqqannaan, sesseqannaan waatu jira. Bifa kanaan namni lammataas waa jiraachuu barata. Ergaa jaalalaa ta’uus onneen hubata.

➒ Sagalee nuti baasnu:- Haasoofni suuta..itti fufaa 👋