

Waa’ee qarshii – hiyyeessaa waliin hin dubbatinaa!
Waa’ee fayyaa kee hin dubbatin – fuula dhukkubsataa!
Waa’ee humna kee hin dubbatin – warra dadhaboo fuulduratti!
Waa’ee gammachuu kee – nama gadde waliin hin dubbatin!
Hidhamtoota duratti waa’ee bilisummaa kee hin dubbatin!
Fuuldura kootti waa’ee ijoollee kee hin dubbatin!
Yatiima duratti waa’ee haadhaa fi abbaa kee hin dubbatin!
..sababni isaas kan duraa caalaa madaan isaanii akka miidhuu fi dhiiguu waan gootuuf. Waan kennitu hundaaf xiqqoo kolfa kenni, onnee kee irraa gammachuu dabali, nama hundaaf gurra liqeessi, garuu sagalee kee gadi qabi, hunda jaalladhu, muraasa amanadhu, garuu eenyuun iyyuu hin dogoggorre. Hiriyaa sobaa fi gaaddidduun tokko. Lamaanuu hanga aduun lixxutti qofa turu. Namni gaariin nyaata hafuura namaati. Sirrii fi dogoggora jireenya nama tokkoo kan beekamu yeroo qormaata darbe ykn kufe qofaadha.
━━━━━━━━━━━
️@Dirama Afaan Oromootin
By Famex