Waa’ee jaalala kaan sayinsii mirkanaa’ee

*} Dhiiroonni niitii/haadha manaa isaanii ganama yoo hojiif biraa bahan dhungatanii deeman warra hin dhunganne waliin yoo madaalaman, umriin warra dhungatee biraa bahu waggaa 5nin warra hin dhunganne akka caalan. Sababniis, dhungoon sumuda jaalala onnee qulqulluu mirkaneessu waan taheef. Jalalti ammoo fayyummaa gumaachiti.

*} Dhiirroonni 65% (dhibba keessaa jahaatamii shan) tahan jaalallee isaanii yeroo dhungatan morma isaanii gara mirgaatti jallisaniiti dhungatan.

*} Dhimma ijoo ilmi namaa marti osoo hin duune dura raawwachuu qabu 100 keessaa tokko jaalalaan qabamuu dha. Yeroo jaalalaan kufan naaduraan addunyaa kana ittiin laalan/daawwatan tan addaati. Jaalalli maraatuu gammachiftu of dandeessee dha.

*} Namoonni wayta jaalalleewwan isaanii irraa addaan bahan/fagaatan yeroo duraanii caalaa jaalachuu jalqaban. Yeroo jaalalaan turanitti kutaan sammuu gammachuu uumaa ture fedhii gammachuu dhabamte san deebisuuf qabu irraa kan ka’e gar malee waan si’aawuuf  jaalalli haarawatti itti dabalti.

*} Jaalalaa fi sodaan dhibbaan isaan namota irraan gahan wal fakkaataa dha. Ijji tamanaa ol banamti. Shanacha keessi ni dafqa. Dhahannaan onnees ni dabala. Haa tahuu garuu jaalala keessa dhiphinni gammachuu kan jiru yoo tahu, sodaa keessa garuu dhiphina shakkii kan nama miidhuutu jira.

Maddi:- Saayinsii fi jaalala(love and science)
# by the famex 

Leave a Comment